Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Hindii Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Amajjii 12, 2015(FBC)- Abbootiin qabeenyaa Hindii Ityoophiyaatti hojiilee invastimantii garaagaraarratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsan.

Hinditti Embaasiin Ityoophiyaafi Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwanii Hindi magaalaa Cheeyinaatti Fooramii Invastimantii gaggeessuu ibsameera.

Fooramicharratti abbootiin qabeenyaafi oomishtoonni  dameewwan faarmaasiyuutikaalaa, uffataafi biroorratti bobba’an 60 ol hirmaachuu eerameera.

Fooramicharratti filannoowwan invastimantiifi haalota mijatoo paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaarratti ibsi bal’aan taasifamuu ibsameera.

Abbootiin qabeenyaa Hindiis dameewwan invastimantii faarmaasiyuutikaalaafi uffataan Ityoophiyaatti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Fooramichaan cinaattis abbootii qabeenyaa yeroo gabaabaa keessatti Ityoophiyaatti hojii invastimantiirratti bobba’uuf fedhii agarsiisan waliin mariin taasifamuu ragaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwaniirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.