Fana: At a Speed of Life!

Abbuubakar Naasiriin Riikardii goolii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa fooyyeesse

Finfinnee, Caamsaa 8, 2013 (FBC) – Taphataan sarara fuulduraa Buna Ityoophiyaa Abbuubakar Naasiriin Riikardii goolii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa tapha bara tokkoo fooyyeesseera.
Abbuubakar tapha bara tokkoo keessatti goolii hedduu galchuu kana dura Geetaanee Kabbadaan goolii 25 bara 2009 galmaa’ee ture fooyyeesseera.
Yoordaanoos Abbay tapha bara tokkoo keessaatti goolii 24 lakkoofsiisee ture.
Tapha Priimeyar Liigii Ityoophiyaa har’a Buna Ityoophiyaa fi Buna Sidaamaa waliin gaggeeffameerratti Abbuubakar Daqiiqaa 9ffaa, 36ffaa fi 90ffaarratti goolii sadi galchuun hatirikii hojjeteera.
Bara kana waliigala goolii 27 lakkoofsiiseera.
Taphni Buna Ityoophiyaa fi Buna Sidaamaa gidduutti har’a sa’aatii 4:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Yunvarsiitii Hawaasaatti gaggeeffame goolii 3 qixa xummurameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.