Fana: At a Speed of Life!

Abjuun biyya diiguu Juuntaan ABUT yaade ture fashalaa’e – Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa

Finfinnee, Sadaasa 21, 2013 (FBC) –Abjuun biyya diiguu Juuntaan ABUT yaade ture fashalaa’uu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa beeksiseera.

Tajaajillii Nageenyaa Odeeffannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa Juuntaa ABUT to’achuuf injifannoo hanga ammatti galma’een ummata Ityoophiyaa maraaf ergaa baga gammaddaniis dabarseeraa.

Qamoolee nageenyaa fi odeeffannoo biroo waliin ta’uun shira dhoksaa ABUT saaxilun carraqqii seeratti dhiyyeessuuf taasifamurratti itti gaafatamummaasaa bahachuufis caalaatti hojjachaa jiraachuus ibseera.

Abjuun biyya diiguu Juuntaan yaade ture hin milkoofne.

Wanti milkeesse yoo jiraate garuu seenaa qaneessaa fi yaraa dhaloonni dhifaama hin goonef galmeessiseeras jedhera Ibsi tajaajilli Nageenya odeeffannoo Biyyaalessaa baase kun.

Gareen kun miseensoota raayyaa ittisa biyya fi poolisii federaala irra miidhaa qaqqabsisuu akkasumaas saba Amaaraa irratti waraana labsuu yakka biyya ganuu ta’uu isaa ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.