Fana: At a Speed of Life!

ABUT garee ABO Shaneetti fayyadamuun naannoo Oromiyaatti halleellaan raawwachuuf ture fashalaa’e

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (FBC)- ABUT garee ABO Shaneetti fayyadamuun naannoo Oromiyaatti halleellaan raawwachuuf ture fashalaa’uu Komishiniin Poolisii Oromiyaa ibseera.
ABUT naannichatti haleellaan qaqqabsiisuu karoorfatee ture fashalaa’uu itti aanaa komishinara poolisii naannichaa fi itti gaafatamaa damee kominikeeshinii obbo Geetachaaw Ittaanaan ibsaniiru.
Haleella garichi qaqqabsiisuuf ture qindoomina uummataa, raayyaa ittisa biyyaa, humna addaa naannichaa, poolisii idilee fi milishaan fashalaa’u ibsaniiru.
Naannichatti rakkoo nageenya iddoo tokko tokkotti muul’dhatuu ittisuuf qindoominni raayyaa ittisa biyyaa waliin hojjetamuu cimee akka itti fufuu ibsaniiru.
Miseensoonni ABUT garee ABO Shaneef leenjii fi deeggarsa garaagaraa taasisaa turan to’annaa jala oolu himameera.
Humnoota farreen nageenyaarratti tarkaanfii fudhatamuu fi meeshaaleen waraana booji’amuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.