Fana: At a Speed of Life!

ABUT haleellaa naannoo Amaaraa fi Affaariitti raawwateen lammiileen kumni 200 ol buqqa’aniiru jedhame

Finfinnee, Adooleessa 29, 2013 (FBC)-Gareen Shororkeessaa ABUT haleellaa naannoo Amaaraa fi Affaariitti raawwateen lammiileen kumni 200 ol buqqa’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, dhimmoota siyaasa, qabeenya umaamaa fi xiyyeeffannoo dippilomaasii lammiileerratti ibsa torbee laataniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaan Dhimmoota deeggarsa namoomaa fi Deeggarsa Balaa Tasaa Maartiin Giriift Itti aanaa Muummee ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokkonniin waliin mari’ataniiru.

Haleellaa naannoo Amaaraa fi Affaaritti banameen lammiileen kumni 200 ol buqqaniis dhaabbileen idil addunyaa hin morminee jechuun ibsaniiru.

Maartiin Giriift deeggarsa namooma taasisuuf Ityoophiyaa waliin dhiyeenyaatti kan hojjetaan ta’uu fi mootummaan tarkaanfii dhukaasa dhaabuu fudhachuusaa dinqisifachuusaanii Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Gama qabeenyaa umaamaatin Ityoo- Naayijeeriyaan mana maree daldalaa hundeessuuf manni mare daldalaa Ityoophiyaa gitaasaa Naayijeeriyaa waliin mallateessuu ibsuun, kunis hariiroo biyyoota lamaaniif shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Dhimma xiyyeeffannoo dippilomaasii lammiileen Ityoophiyaanoonni 500 ol Afrikaa fi Giddugaleessa Bahaarra gara biyyaa deebi’aniiru jedhan.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.