Fana: At a Speed of Life!

ABUT maqaa warraaqsaan biyyattii saamuu fi bittinsuuf garee ijaarameedha jedhan hayyuuleen siyaasaa

Finfinnee, Adooleessa 24, 2013 (FBC) – ABUT maqaa warraaqsaan biyyattii saamuu fi bittinsuuf garee ijaarameedha jedhan hayyuuleen siyaasaa.
Gartuun ABUT waggoottan 27 oliif godaanisni biyyattitti uume rakkoo har’a biyyattitti mudaataa jiruuf sababa jedhan Yuunvarsitii Ambootti barsiisaan Saayinsii Siyaaaa fi Qunnamtii Addunyaa Seenassaa Damissee fi umurii ijoollummaa hanga manguddummaa diree siyaasa keessa kan turan hayyuu duree siyaasaa obbo Galaasaa Dilboo fbc waliin turtii taasisaniin.
Gareechi olaantummaan gidiraa uummata biyyattiirraan ga’aa fi qabeenyi saamaa ture qabsoo fi wareegama uummataan waan jalaa hafeef amma wixxifata jedhan.
ABUT qabeenya uummataa fi biyyattii saamuu dabalataan xiinsammuu fi fayyaa lammiileerras miidhaan geessisaa ture godaannisa hin qoorreedha jedhan hayyuu dureen siyaasaa obboo Galaasaa Dilboo.
Qaamoleen hammeenyummaa ABUT kaleessa dagachuun odeeffannoo uummata hin fayyadneen uummata burjaajeessaa jiran qorqalbii ofiitti osoo deebi’anis jedhan.
Dhiibbaa alaa fi keessaa qolachuuf uummanni tokkummaasaa caalatti cimsachuun dura dhaabbachu akka qabus gorsan haayyuuleen siyaasaa kunneen.
Tumsi amma birmaddummaa biyyaa kabachiisuu fi nageenyaaf taasifamus tokkummaa biyyummaa caalaatti ni jabeessa, haamilee diinootaas ni cabsa itti fufuu qabas jedhan.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.