Fana: At a Speed of Life!

ABUT naannoo Afaariitti iddoolee weerare gadi lakkisee akka ba’uu fi waraana bane ariitiin akka dhaabu mootummaan naannoo Afaar hubachiise

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Afaariitti iddoolee akka haaraatti weeraree gadi lakkisee akka ba’uu fi waraana bane ariitiin akka dhaabu mootummaan naannoo Afaar hubachiiseera.
Garichi Godina Kiilbatii aanaalee lama cabsee seenuun lammiilee nagaarratti waraana bane ilaalchisee ibsa sobaa baasaa jiraachuu himameera.
Maqaa gaarii naannoo Afaar balleessuuf olola sobaa tatamsaasuun ummata Afaarii fi Naannoo Tigraay walitti buusuun faayidaa hin malle argachuuf tattaaffii taasiisaa jiraachuu ibsi mootummaan naannoo Afaar baase eereera.
Garichi naannoo Afaar cabsee seenuun jiraattoota naannichaarratti ajjeessaa suukkaneessaa, saamicha fi badii hedduu raawwachaa turuu ibseera.
Tibbana bifa gurmaa’een aanaalee Abi’aalaa, Magaalee fi Eerbtii to’achuun aanaa Raahilee walakkaan seenuun haleellaa cimaa lammilee nagaarratti raawwachuu isaa ibsi mootummaa naannichaa kun addeesseera.
Sababa kanaan lammiileen kumni dhibbi 2 fi kumni 20 qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu himeera.
Bakka humni mootummaa tokkollee iddoolee kanneen hin jirreetti ‘Loltoota Eertiriyaa Galaanaa diimaa Afaar’ jechuun olola sobaan lammiilee nagaa Jumlaan ajjeessuu akka dhaabuu fi aanaalee to’atee ture ariitiin gadi lakkisee akka ba’u mootummaan naannichaa gaafateera.
Mootummaan naannoo Afaarii fi ummanni naannichaa deeggarsa namoomaa ummata Tigraay sababa weerara garichaan adda citee ture irra deebiin akka dhiyaatu tumsaan kan hojjetan ta’uu himeera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.