Fana: At a Speed of Life!

Adaamaa fi Hawaasaatti biifaan keemikaala farra ilbiisota dhibee qaqqabsiisanii raawwatame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2012 (FBC) -Magaalaa Adaamaa fi Hawaasaatti biifaan keemikaala farra ilbiisota dhibee qaqqabsiisanii raawwatame.
 
Magaalaa Adaamaa iddoowwan sochiin namootaa itti heddummaatutti biifaan keemikaalaa raawwatameera.
 
Biifaan keemikaalaa har’a raawwatame kun wantoota dhibee qaqqabsiisan balleessuuf kan kaayyeffate ta’uu bulchiinsi magaalichaa beeksiseera.
 
Naannolee vaayrasii koroonaatin faalamuun shakkaman qulqulleessudhas jedheera.
 
Jiraattonni sochii hin barbaachisnerraa akka of qusatanii fi of eeggannaa taasisanis dhaamameera.
 
Bifuma walfakkaatun magaalaa Hawaasaattis har’a ganama biifaan keemikaalaa raawwatameera.
 
Biifaan keemikaalichaa yammuu raawwatamutti daandileen imala konkolaattotaarraa bilisa turan.
 
Magaalaa Finfinneettis Dilbata darbe daandilee jajjaboo 13rratti biifaan keemikaalaa raawwatamuun ni yaadatama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.