Fana: At a Speed of Life!

Adaamaatti maallaqni sobaa fi maxxansitoonni maallaqichaa to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti maallaqni sobaa fi maxxansitoonni maallaqichaa to’ataman.
 
Ogeettiin koominikeeshinii poolisii magaalaa Adaamaa gargaartuu inispeektaraa Warqinash Galmeechaan akka beeksisanitti, Birriin sobaa kumni 77,575 qabameera.
 
Shakkamtoonni maallaqicha gabaadhaf baasaa turan 2 to’atamuu ibsaniiru.
 
Jalqaba tokko eeruu ummataatin qabamuu isaatini, hiriyaan isaas kan qabame.
 
Shakkamtoonni lamaan kaleessa Caamsaa 26,2012 kutaa bulchiinsa Luugoo, ganda Biqaatti to’atamaniiru.
 
Shakkamaan duursaa isaanii ta’e ganda Addulaalaa, Haxxee Aroorettiitti maallaqa sobaa, maashina maallaqa sobaa maxxansu waliin to’atamuu ibsaniiru.
 
Dhimmi isaanitis seeran ilaalamaa jira.
 
Dabalataan kutaa bulchiinsa Luugoo, ganda Gaara Luugootti labsii yeroo ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e cabsuudhan mana tokko keessatti 18 ta’anii dhugaatii dhugaa turan to’atamaniiru.
 
Abbaan warraa fi haati warraa manichaa tokkoon tokkoon isaanii Birrii 1,500, namoonni 16 hafan ammoo dhuunfaa dhuunfadhaan Birrii kuma 1 adabamaniiru.
 
Oduu birootin kutaa bulchiinsa Bokkuu ganda Bareechaatti kaleessa halkan balaa ibidda elektiriikaa mudateen suuqonni 4 guutummaadhan gubataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.