Fana: At a Speed of Life!

Adaamaatti namoonni dhuunfa adeemsa filannoo burjaajeessuf yalaanii fi meeshaa waraanaa qabachuun argaman adaman

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC)- Magaalaa Adaamaatti namoonni dhuunfa 2 adeemsa filannoo burjaajeessuf yalaanii fi buufata filannootti meeshaa waraanaa qabachuun argaman adabbii hidhaa fi maallaqaan adabamaniiru.

Ogeettiin olaantuu uummataa qajeelcha poolisii magaalaa Adaamaa Inisipeektar Warqinash Galmeechaa, namoonni dhuunfa kunneen adeemsa filannoo burjaajeessuu fi meeshaa waraanaa seeraan alaa qabachuun argaman mana murtiitti dhiyaataniiru jedhan.

Namni dhuunfa Sintaayyoo Tsurgaayee magaalaa Adaamaatti kutaa magaalaa Abba Gadaa ganda Odaa buufatalee filannootti meeshaa waranaa qabatee argamuun dhorkii labsii lakkoofsa 1177/2011 ka’aamee darbuun himameera.

Haaluma wal fakkatuun kutaa magaalichaatti buufata filannoo 6tti ganama sa’aatii 2:40 irratti namni dhuunfa Kamaal Abdoo jedhamuu nama sagalee laatuu fakkachuun buufatichaa keessa seenuun adeemsa filannichaa burjaajeessuu tattaaffi taasisuu himaniiru.

Namni dhuunfa meeshaa waranaa qabatee argamee Sintaayyoon adabbii hidha wagga tokkoo fi Birrii kuam 5 adabamuu himaniiru.

Filannicha burjaajeessuuf yaalii kan taasisee Kamaal Abdoo ammoo hidha baatiwwaan 8 adabamuu Inispeektar Warqinaash himaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.