Fana: At a Speed of Life!

Adaamaatti sagantaan sosochii “Ityoophiyaan Haa Oomishtuu” gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 23, 2015 (FBC)- Sagantaa sosochii “Ityoophiyaan Haa Oomishtuu” Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Itti Aanaa Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Obbo Eeliyaas Uummataa, Hoogganaa Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis dabalatee qondaaltonni Mootummaa federaalaa, abbootiin qabeenyaa fi waldaaleen IMX oomisharratti bobba’an argamaniiru.

Sosochicha ilaalchisuun marii kan gaggeeffame yoo ta’u, kaayyoon waltajjichaas oomishaa fi oomishtummaa sadarkaa biyyaa fi naannootti jiru walsimsuu akkasumas hojiilee hojjetamaa jiraniif xiyyeeffannaan akka kennamuuf ta’uu ibsaniiru.

Hanqinaa fi cimina hojiilee invastimantii keessatti mul’atu haala furuun danda’amurratti hawaasafi abbootti qabeenya waliin mari’atameera.

Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis Industiriiwwan jiran humna guutuun akka oomishan taasisuun murteessa ta’uu kaasaniiru.

Naannoo Oromiyaatti sosochiin Ityoophiyaan Haa Omishtuu erga eegalee Industriiwwan hojii dhaaban 53 Oomisha akka eegalanii fi haaraan 234 hojiitti galuu ibsaniiru

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.