Fana: At a Speed of Life!

Adaraa biyyi nurra keessee haqummaan haa baanuu-kutaa magaalaa Lammii Kuraatti dargaggoo filannoo raawwachiisaan

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC)- Adaraa biyyi nurra keessee haqummaan haa baanuu jechuun kutaa magaalaa Lammii Kuraatti dargaggoo filannoo raawwachiisaan himaniiru.

Filannoon marsaa 6ffaa boruu gaggeeffamuu lammiileen kumni dhibbi 11 fi kumni 35 kutaa magaalaa Lammii Kuraatti sagalee ni laatuun eegama.

Nannoolee filannoo 2 buufatalee 121f tokkoon tokkoon isaaf hojii rawwachiiftoonni 5 ramadamaaniiru.

Yaada isaanii Faanaa Brooksitiing Koorpooreetif kan laataan raawwachiftoota filannoo keessaa, Dargaggoo Heenook Abbabaa fi dargaggoo Asaaminaaw Masfiin adeemsa filanniichaa fi raawwiisaaf boordii filannoo biyyoolessaarra leenjii fudhanneera jedhan.

Dargaggoonni kunneen adeemsaa filannichaa sagalee laachuu hanga sagalee lakkaa’uutti dabalatee hanga ibsa bu’aa filannichaatti xiyyeeffannoon ni hojjennaa jedhaniiru.

Maanyichaal Azaazaaw

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.