Fana: At a Speed of Life!

Addi Bilisummaa Oromoo boqachuu Jaal Galaasaa Dilboof gadda itti dhaga’ame ibse

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Addi Bilisummaa Oromoo boqachuu Hayyuu Duree Duraanii dhaabichaa jaal Galaasaa Dilboo Ilaalchisee Ibsa Gaddaa baaseera.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti waggoota hedduudhaaf gumaacha jabaa gochaa kan turan Hayyu dureen ABO duraanii obbo Galaasaa Dilboo boqochuu wayita dhageenye akka Adda Bilisummaa Oromootti gadda guddaatu nutti dhaga’ame jedheera.

Obbo Galaasaan Oromiyaa, Wallagga Bahaa, Naqamteetti dhalatan. Obbo Galaasaan umurii ijoollummaa isaaniitti qabsoo bilisummaa Oromootti kan makaman yoo ta’u, Hayyuu Duree Adda Bilisummaa Oromoo ta’uu dabalatee qabsoo dhaabichi gaggeessu sadarkaalee addaa addaa keessatti qooda fudhatanii jiru.

Kanaanis sochii qabsoo oromoon bilisummaa fi diimookiraasii gonfachuudhaaf gaggeessu keessatti gumaacha guddaa gumaachanii jiru.

Jireenya isaa keessatti qabsoo hidhannoo fi siyaasaa keessatti hirmaachuu dabalatee aarsaa gurguddaa kaffalanii jiru.

Imala qabsoo bilisummaa Oromoo bu’aa ba’ii hedduun itti baayyatu keessatti si’oominaan qooda fudhatanii jiru.

Gumaacha isaan qabsoo bilisummaa keessatti gumaachanis uummata Oromoo onnachiisuudhaan bilisummaasaatiif akka falmatuuf kan dammaqase yoo ta’u gumaachi isaanii barbaran uummata Oromoo waliin jiraata jechuun ibseera.

Addi Bilisummaa Oromoo bara 1992 keessa Mootummaa ce’umsaa Ityoophiyaa keessaa dhiibamee erga bahee booda, obboo Galaasaan murna yeroos biyya bulchaa tureen adamsamaa waan turaniif baqatanii gara biyya Jibuutii erga seenaniin booda achirraa ammoo gara biyya Yuunaayitid Kiingdam seenan Biyya Yuunayitid Kiingdam keessas waggoota dheeraadhaaf jiraataniiru.

Bara 2018 keessa ammoo obbo Galaasaan waamicha Mootummaan Ityoophiyaa taasiise fudhachuun gara biyyaatti galanii turan.

Erga gara biyyaatti deebi’anii booda siyaasa biyya Ityoophiyaa keessatti qooda fudhachuun haga guyyaa boqotaniitti miseensa paarlaamaa Ityoophiyaa ta’uudhaan tajaajilaa turan.

Addi Bilisummaa Oromoo Maatii, hiriyootaafi firoota obbo Galaasaa Dilbootiif akkasumas uummata Oromoo maraaf jajjabina hawweera.

Oduma walfakkaatuun Kongirasiin Federaalawaa Oromoos boqachuu Jaal Galaasaa Dilboof gadda itti dhaga’ame ibseera.

Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO) ilaalchisee ibsa fuula miidiyaa hawaasummaa isaan baaseen du’aan boqachuu obbo Galaasaa Dilboo gadda itti dhaga’ame ilaalchisee ergaa gaddaa dabarseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.