Fana: At a Speed of Life!

Addunyaa Haqaa Qabeessaa fi hirmaachisaa ni ijaarra-Vilaadmiir Puutiin

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Raashiyaan Dhaabbiilee tumsitootaa ishee waliin ta’uun Addunyaa haqaa qabeessaa fi hirmaachisaa akka ijaartuu Pireeziidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin ibsan.

Dabalataniis, Raashiyaan biyyoota ishee tumsuuf qophii ta’an, diinonnii fi qormaatileen kan waloo waan ta’aniif qindoominaan qabsa’uuf qophii ta’uu beeksisaniiru.

Pireezidaant Puutiin, walga’ii 11ffaa dhimmoota Nageenyaa Idiil Addunyaa irratti mari’achuuf hoggaantoota olaanoo biyyoota garaagaraa waliin mari’acha jiraachuu RTn gabaaseera.

“Yoo tokko taanee, Addunyaa haqaa qabeessaa fi hirmaachisaa ni ijaarra; ilaalchota logii, qoddanaa qabeenyaa haqaa qabeessaa hintaanee fi gitni bittaa kallattiin alaa seenaa ta’u” jedhaan.

Raashiyaan naannawaa garaagaraa fi michuuwwan ardii akka qabduu fi yaadichaas akka qoodan hubachiisaniiru.

Fakkeenyaaf Ardiiwwan akka Eeshiyaa, Afrikaa fi Laatiin Ameerikaa michuuwwan Raashiyaa seenaa qabeeyyii, cimoo fi amanamoodha jechuun eeraniiru.

Putiin biyyi isaanii michoota ishee waan dandessu maraan cimsuu fi cinaa dhaabbachuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Ameerikaa fi michoonni ishee addunyaa to’achuuf humna waraanaa akka gurmeessan, dhimma keessoo biyyaa gidduu akka seenan, akkasumas faayidaa dhuunfaa eegsifachuuf humna addunyaa fi jeequmsaa wabii nyaataa akka fayyadaman hubachiisaniiru.

Sababoota isaaniin tagabbiin dhabamuu fi jeequmsa addunyaarratti mudatan dabalaa dhufuu Pireezidaanti Putiin ibsaniiru.

“Rakkoolee damee hedduu addunyaarratti mul’atanii fi naannawaa tasgabbaa’aa ijaaruuf akkasumas shira isaanii irratti qabsaa’uuf haa waltaanu” jechuun biyyootaaf waamicha dhiyeessnaiiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.