Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarra bilbiloonni sochootuu Andirooyidii fi taableetonni biiliyoona tokkoo ol saaybariif ni saaxilamu

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Addunyaarra bilbiloonni sochootuu Andirooyidii fi taableetonni biiliyoona tokkoo ol saaybariif saaxilamoota jedha qorannoon tokko.

Addunyaarra bilbiloonni sochootu andirooyidii fi taabileetoonni biiliyoona tokkoo ol saayberiif saaxilamoota jedha qorannoon tokko.

Akka qorannoon kun ifoomsetti sababiin bilbiloonni sochootuu Andirooyidii fi taabileetonni biiliyoona tokkoo ol saayberiif saaxilamoo ta’an, barri nageenyaa isaanii waan hin haaromneefidha yookan ammoo waan dhumateefidha jedha.

Oomisha sooftiweerii yeroo ammaa kan ta’e Andirooyid 10 irraa Andirooyid 9 fi 8 nageenyi isaani amansiisaa kan ta’ee fi fayyadamtootaf mijata ta’uu ibseera.

Yuunaayitid Kiingidam qofatti fayyadamtoonni bilbila sochootuu smaarti miiliyoonni tokko burjaajjii odeeffannoo fi miidha saayberii biroo akkasumas hannaaf ni saaxilamu.

Googlii fi kalaqxoonni sooftiweerii biroon sooftiweeriwwan yeroo irra darbe fayyadamuu akka hin qabne hubachiisera.

Fayyadamtoota bilbiloota Saamsang Gaalaaksii S3 fi Soonii Xpeeyn S dabalatee bilbiloota sochootuu Andirooyidii bara Faranjoota 2012 fi isa dura gabaarra oolan fayyadaman saayberiif saaxilamoodha.

Kanaaf fayyadamtoonni bilbila kanaa of eeggannoo tasiisuu akka qaban himameera.

Bilbiloonni waggaa lama ol tajaajilan yeroo hedduu barri nageenya isaanii waan xumuramuuf xiyyeeffannaa kan barbaadu ta’uu eerera.

Akka ragaa Googl bara Faranjootaa 2019 agarsiisutti, addunyaarra bilbiloota Andooyidii si’ataa ta’an biiliyoona 2.5 dha.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.