Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti  guyyaa tokkotti lakkoofsii olaanaa namoota vaayrasii koroonaan qabamanii galmaa’e

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC)- Addunyaarratti  sa’a 24 keessatti lakkoofsii olaanaa namoota vaayrasii koroonaan qabamanii galmaa’u Dhaabbanni Fayyaa Fadduunya gabaasa baseen beeksiseera.

Akka gabaasa dhaabbatichatti guyyaa kaleessa qofa addunyaarratti namoonni haaraan kumni 106 vaayrasichaan qabamaniiru.

Kuniis weerarri vaayrasii koroonaa erga adduunyaarratti  muul’ate kaasee isaa olaanaa ta’u dhaabbatichi beeksiseera.

Daayreektarri olaanaan dhaabbata fayyaa addunyaa Dooktar Teediroos Adhaanoom ibsa laataniin, ‘‘ammas weerara kana keessatti daandii dheeraan nu eeggata’’ jechuun dubbataniiru.

Vaayrasichi biyyoota galii gadii aanaa fi giddugaleessa ta’an irratti dabalaa jiraachuu yaadeessa ta’u Dooktar Teediroos ibsaniiru.

Haluuma kanaan addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoonaa 5 darbuu guyyaa har’a ibsameera.

Akka ragaan Yuunivarsitii Joohns Hoppikins muuldhisutti, guyyaa har’a addunyaarratti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 5 fi 33 qaqqabeera.

Addunyaarratti vaayrasichaan lubbuun namootaa kuma dhibba 3 fi kuma 29 kan darbe yoo ta’u, namoonni vaayrasicharra dandamataan ammo miiliyoona 1 fi kuma dhibba 899 ol ta’u ragaan yuunivarsitichaa ni muul’dhisa.

 Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.