Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti Jimaata qofa namootni 292,527 Covid-19n qabaman

Finfinnee, Adoolessa 25, 2012 (FBC) – Addunyaarratti Jimaata qofa namootni 292,527 Covid-19n qabaman.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa Jimaata qofa addunyaa guutuutti namootni haaraan Covid-19n qabamuun isaanii mirkanaahe 292,527 ta’uu beeksise.

Kuniis erga weerarri kun eegale lakkoofsa isa guddaa guyyaa tokkotti galmaahee ta’eera.

Biyyootni lakkoofsi guddaan itti galmaahe keessaa Yunaayitiid Isteets, Biraaziil, Indiyaa fi Afrikaa Kibbaa ni argamu.

Lakkoofsi namoota du’anii galmaahe ammoo 6,812.

Lakkoofsi namoota guyyaatti qabamanii inni guddaan galmaahee kan ture torban har’aa ture. Gaafas kan qabaman 284,196 turan.

Guyyaadhuma kanatti lakkoofsi namoota du’aniis 9,453 ture.

Akka Gabaasa Joon Hoopkiinsitti namootni addunyaa kanarratti qabamanii miiliyoona 17 fi dhibba jahaa ol ta’eera.

Kan du’an ammoo 679,966 oli.

 

Maddi:- BBC

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.