Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID – 19 du’anii miiliyoona walakkaa qaqqabe

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2012 (FBC)- Ka’umsa isaa Chaayinaa magaalaa Wuhaan kan taasise COVID – 19 erga muul’atee baatiiwwan shan lakkoofsiseera.

Addunyaarrattis lubbuu namoota kuma 500 galaafateera.

Namoonni miiliyoonni 10 vaayrasichaaf saaxilamaniiru.

Namoota vaayrasichaan qabaman keessaa walakkaadhaa ol kan ta’an jiraattota Ameerikaa fi Awrooppadha.

Ammas Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayrasiichaan qabamaa jiranii ariitiin dabalaa jira jedhameera.

Vaayrasichi Isiiyaa kibbaa fi Afrikaas hubaa jiraachuun himameera.

Addunyaarratti tibba darbe qofa vaayrasichaan namoonni miiliyoonni 1 ol qabamuun mirkanaa’era.

Ameerikaatti hanga ammaa namoonni miiliyoonni 2.5 vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 25  darbeera.

Kanarratti hundaa’uun aanga’oonni Teeksaas, Filooyidaa fi kanneen biroo dhaabbilee daldalaarratti dhoorkiin kaa’amee ture itti fufa jedhaniiru.

Lammaffaarratti kan argamtu Biraaziil ammoo biyyattitti namoonni miiliyoonni 1.3 vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma 57 darbeera.

Waliigalaan addunyaarratti namoonni COVID – 19 irraa dandamatan ammoo miiliyoona 5.5 qaqqabeera.

Maddi:-BBC fi Worldometer

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.