Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid -19 du’anii miiliyoona 3.5 caale

Finfinnee, Caamsaa 18, 2013 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid -19 du’anii miiliyoona 3.5 caaluu ibsameera.
Akka addunyaatti hanga ammaatti namoota miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 68 fi kuma dhibba 5 fi kuma 35 ol dhibichaan qabaman keessaa namoonni miiliyoonni 3.5 ol lubbuun darbuu ibsameera.
Ameerikaa, Hindi, Faransaayii fi Turki biyyoota vaayrasichi daraan itti hammaate keessaa isaan hangafa ta’uu eerameera.
Akka Afrikaattis namoota miiliyoona 4 fi kuma dhibba 7 fi kuma 71 vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 28 olii darbuu himameera.
Afrikaan Kibbaa, Moorookoon, Tuuniiziyaa, Ityoophiyaa fi Gibtsi biyyoota dhibichi daraan miidhe ta’uus ibsameera.
Akka addunyaatti namoonni miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 50,akka Afrikaatti ammoo namoonni miiliyooni 4 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 83 ol dhibicharraa dandamataniiru.
Maddi:-BBC fi Worlidometers
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.