Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota covid-19 qabamani miiliyoona 85 darbe

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamani miiliyoona 85 darbeera.
 
Vaayrasichaan namoonni miiliyoonnii 1.8 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Lammiileen biyyoota akka Ameerikaa, Hindi, Braaziil vaayrasichaa hubamaa jiru.
 
Ameerikaatti namoonni miiliyoonni 21 ol vaayrasichaan yoo qabaman, kumni dhibbi 3 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Hinditti namoonni miiliyoonni 10 covid-19 yoo qabaman, kumni dhibbi 1 kumni 49 ol ammoo lubbuun isaanii darbeera.
 
Sadarkaa 3ffaarra kan jirtu Biraaziilitti ammoo namoonni miiliyoonni 7.7 ol vaayrasiichaan yoo qabaman, kumni dhibbi 1 fi kumni 96 ol vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Addunyaarratti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasicharra dandamatani miiliyoona 60 darbu ibsameera.
 
Maddi:-Worldometers
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.