Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid – 19 qabamanii miiliyoona 15 darbe

Finfinnee, Adoolessa 16, 2012 (FBC) – Akka ragaan Yuuniivarsiiti Joohns Hooppikins muul’isutti weerarri vaayrasii koroonaa erga muul’atee baatiwwan murasa lakkoofsiseen namoota miiliyoona 15 ol qabeera.

Namoonni kumni dhibbi 6 fi kumni 18 olis vaayrasichaan lubbuu isaanii dhabaniiru.

Miiliyoonni 8.5 ammoo warreen dandamataniidha.

Kanneen keessayiis lammiileen Ameerikaa miiliyoonni 4.1 vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 42 fi 350 darbeera.

Biyyattitti namoonni miiliyoonni 1.18 ammoo dandamataniiru.

Sadarkaa lamaffarratti kan argamatu Biraaziilitti ammoo namoonni miiliyonni 2.2 vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma 82 olii darbeera.

Namoonni miiliyoonnioi 1.5 ammoo dandamataniiruu.

Sadarkaa idil adduunyaatti biyyoota kanneen akka Hindi, Raashiyaa, Afrikaa kibbaa, Peeru, Meeksiikoo, Chiilii, Ingiliiz fi Iraan keessaatti vaayrasichi ariitiin tamsa’aa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.