Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19 qabamanii miiliyoona 17 ol darbe

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 17 ol darbeera.

Chaayinaa magaalaa Wuhaan keessaatti erga muul’atee COVID-19  baatiwwan 7 lakkoofsiseen namoota miiliyoona 17 ol irratti ergamuun lubbuu kumaatama galaafateera.

Vaayrasichi sassaffiisa tamsa’ina isaa dabaluun biyyoota addunyaa hedduu keessaatti faca’eera.

Addunyaarratti lubbuun namoota kuma dhibba 6 fi kuma 70 galafateera.

Namoonni miiliyoonni 10.7 ta’aan ammoo kanneen dandamataniidha.

Biyyoonni irri caalaan vaayrasichaan miidhaman kanneen akka Ameerikaa, Braazilii fi  Hindidha.

Sadarkaa jalqabarratti kan argamtu Ameerikaan namoonni miiliyoonni  4.5 vaayrasichaan yoo qabaman, kumni dhibbi 1 fi kumni 53 ammoo lubbuun isaanii dhabaniiru.

Lamaffarratti kan argamtu Braaziil itti namoonni miiliyoonni 2.5 vaayrasiichaan yoo qabaman, kumni 90 ol ammoo lubbuun isaanii darbeera.

Sadaffarra kan jirtu Hindi  ammoo namoonni miiliyoonni 1.5 vaayrasichaan yoo qabaman, kumni 35 ammoo lubbuun darbaniiru.

Afrikaa kibbaatti ammoo namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 71 vaayrasichaan yoo qabaman, kumni 7 fi 449 ammoo kanneen lubbuu isaanii dhabaniidha.

Ityoophiyaatti hanga gabaasni kun qindaa’utti namonnii kumni 15 ol vaayrasichaan yoo qabaman,  253 ammoo kanneen lubbuu isaanii darbeedha.

Biyyattitti namoonni kumni 6 fi 685 dandamataniiru.

Maddi:-Worldometer

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.