Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota Vaayrasii koroonaan du’anii kuma dhibba 8 fi kuma 50 caale

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) –Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan lubbuu dhabanii kuma dhibba 8 fi kuma 50 caaluu himame.
 
Akka ragaan ‘Woorlidoomeetirs’ irraa argame muul’isuutti addunyaarratti namoota miiliyoona 25 fi kuma dhibba 3 fi kuma 87 fi 330 dhibichaan qabaman keessaa namoonni kumni dhibbi 8 fi kumni 50 fi 600 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Hanga ammaatti namoonni miiliyoonni 17 fi kumni dhibbi 7 fi kumni 9 fi 331 yoo dandamatan, namoonni miiliyoonni 6 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 27 fi 399 yaalarratti argamu.
 
Namoonni kumni 61 fi 105 ammoo wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Ameerikaa, Braazilii fi Hindi lakkoofsa namoota dhibichaan qabamanii hedduu galmeessisiisuun wal duraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa qabataniiru.
Ityoophiyaan Afrikaarraa 4ffaa, addunyaarraa ammoo 52ffaarratti argamti.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.