Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 60 ol caale

Finfinne, Sadaasa 17, 2013 (FBC)- Addunyaarratti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 60 ol caalera.

Kanneen keessaayis miiliyoonni 38 fi kumni dhibbi 7 ol ammoo dandamataniiru.

Erga weerarri COVID-19 addunyaarratti muul’atee kaasee namoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 4 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Akka ragaan Yuunvarsiiti Joohn Hoppikins muul’dhisutti weerarri vaayrasichaa biyyoota itti tamsa’ee keessaa Ameerikaan ishee jalqabaati.

Hanga ammattis Ameerikaatti namoonni miiliyoonni 12 ol vaayrasichaan yoo qabaman, Hinditti miiliyoonni 9, Biraazilitti miiliyoonni 6, Faaransaayii fi Raashiyaatti miiliyoonni 2 ol, Ispeenii fi Ingiliziitti namoonni miiliyoona 1.5 ol, Xaaliyaan, Arjantiinaa, Kolombiyaa fi Meeksikootti namoonni miiliyoona 1 ol vaayrasii koroonaatin qabamaniiru.

Hanga ammatti lakkoofsii du’atii olaanaa keessaatti kan galmaa’ee Ameerikaatti namoonni kuma dhibba 2 ol, Biraaziil kuma dhibba 1 ol, Hindi kuma dhibba 1 ol, kan ta’an lubbuu isaanii dhabaniiru.

Afrikaattis biyyoota vaayrasichaan hubaman keessa isheen jalqabaa Afrikaa Kibbaa yoo taatu, namoonni kumni dhibbi 7 fi kumni 75 ol vaayrasichaan yoo qabaman, kumni dhibbi  7 kumni 16 ol ammoo dandamataniiru.

Afrikaa kibbaattis lakkoofsii namoota vaayrasicharra qabamanii olaanaadha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.