Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti namoonni miiliyoona 10 Covid-19 qabamanii walaakka kan ta’an ammoo fayyan

Finfinnee,Waxabajjii 21,2012 (FBC) – Addunyaarratti namoonni miiliyoona 10 Covid-19 qabamanii walaakka kan ta’an ammoo fayyan.

Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19 qabaman miliiyoon 10 yoo ta’u, kan lubbunsaanii darbee walakkaa miliyoonaa caaluuf akka ta’e ragaan Yunvarsitii Joons Hopkings irraa argame mulliseera.

Namoota vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’ee kanneen keessaayis kan miliyoona 2,510.323 ta’an Ameerikaa keessatti kan argaman yoo ta’u, Biraazilitti namoonni 1,313,667 qabamnii sadarkaa lammaffaarra akka jirtu ragaan kun ni mullisa.

Raashiyaa namoota kuma 633 olii fi Indiyaan namoota kuma 528 ol qabaachuun sadarkaa sadaffaafi arfaffaarratti argamu.

Biyyoota Afriikaa keessaa ammoo Afriikaan Kibaa namoota 131,800 galmeessuun ardii keessaa sadarkaa tokkooffarratti kan argamtu ta’u ragaan kun dabalee ibseera.

Haaluma walfakkaatunis namoonni 5,06,869 ammoo erga dhukkubichaan qabamanii booda fayyunsaanii mirkanaa’uu ragaan Joos Hopkiins kun ni mullisa.

Gama biraatiin ammoo addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19n lubbunsaanii darbee wallakkaa miliyoonaa caaluuf jira.

 

Haaluma kanaanis Ameerikaa keessatti namoonni kuma 125 ol kan du’an yoo ta’u, Biraazil keessatti kuma 57 dhabuun biyyoota vaayirasichaan irra caalaa miidhaman jedhameera.

 

Maddi: BBC

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.