Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti namoonni vaayrasii koroonaan du’an kuma 70 fi 798 ga’an

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012 (FBC) – Addunyaarratti hanga saa’aatii kanaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 92 fi 564 vaayrasii koroonaan qabaman keessaa namoonni kumni 70 fi 798 du’uu isaanii himameera.
 
CNN gabaasa isaa kallattiin akka ibseetti Ameerikaatti qofa namoota kuma dhibba 3 fi kuma 50 ol dhibichaan qabaman keessaa namoonni kumni 9 fi 600 ol du’aniiru.
 
Namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 71 ol dhibicharraa dandamachuu isaanii ibsameera.
 
Afrikaatti ammoo namoota kuma 9 fi 457 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 442 kan du’an yoo ta’u namoonni 848 dandamachuu isaaniitu himame.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.