Fana: At a Speed of Life!

Afaan Kamiyyuu Afaan Federaalaa yoo ta’e Tokkummaa jabeessa malee Miidhaa inni geessisu hin jiruu jedhan – obbo Taayyee Danda’aa

Finfinnee, Fulbaana 9, 2014 (FBC) – Kitaabni obbo Taayyee Danda’aatiin barraa’e mata duree ‘Faana seer-luuga Afaan Oromoo’ jedhu guyyaa har’aa magaalaa Adaama Hoteela Karrayyuu Hiiliitti eebbifameera.

Kitaabonni Hedduun barreeffamaniiru haatahu malee hamma baayyina uummatichaatiin wal hin madaalu jedhan barreessaan kitaabichaa obbo Taayyee Danda’aa.

Keessumaa Kitaabni hedduun sirnaa fi caaseffamma Afaan Oromoo irratti xiyyeeffatu ammallee dhaloota ni barbaachisu Kanaaf hanga nurraa eegamu bahachuu baannus Afaan Oromoo roga maraan akka guddatuuf ni deeggara jenneetu kitaaba kana gumaachines jedhan obbo Taayyeen.

Yeroo baayy’ee doggoggorri sirnaan qubeessuu Afaan Oromootiin walqabatee dhufu caaseffama isaa beekuurraan akka kahu eertuuwwan agarsiisan ni jiru kan jedhan obbo Taayyeen.

Akkasumas Oromoo tahanii namoonni Afaan Oromoo qubeessuu fi dubbisuu hin dandeenye hedduun waan jiraniif isaaniin barsiisuuf gumaacha keenya ba’achuu qabnas jedhaniiru.

Kitaabni Faana Seer-luuga Afaan Oromoo jedhu kan obbo Taayyee Danda’aan barraa’e akkaataa barreeffamaa fi seera Afaanichaa gama eegeen qophaa’eera,Galiin Kitaabicha irraa argamus Ijaarsa mana Kitaabaa magaalaa Gabra Gurraachaaf akka oolu obbo Taayyeen himaniiru.

Afaan tokko Afaan Federaalaa wayita ta’u bu’aa inni biyya sanaaf gumaachu hedduudha.

Kanaaf Afaan Ofii guddisuun ammoo dirqama nama hundarraa eegamuudha jedhaniiru obbo Taayyeen.

Eebba kiraabichaa irrattis Hogganaa Waldaa Misooma Oromiyaa duraanii obbo Abbaa Duulaa Gammadaa Dabalatee Hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoo irratti argamaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.