Fana: At a Speed of Life!

Afaar, Hararii fi Dirree Dawaan tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf murteewwan dabarsan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2012 (FBC) – Naannoon Afaar, naannoon Hararii fi magaalaan Dirree Dawaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf murteewwan dabarsan.
 
Bulchiinsonni sadanuu murteewwan geejiba ummataa qoqqoban dabarsaniiru.
 
Dirree Dawaatti geejibni ummataa magaalaa keessaa, baajajiin, gaariin, miinibaasiin tajaajila akka hin laanne murtaa’era.
 
Karroonni seensaa magaalichaa booruu eegalee guyyootii hin murtoofnef cufaa turu.
 
Warshaaleen hojjettootaf boqannaa akka laatan, dabareen akka hojjechiisan murtaa’era.
 
Dhoorkiin kaa’ame boba’aa, midhaan nyaataa, loojastiiksii fi meeshaalee bu’uuraa hin dabalatu.
 
Naannoo Afaarittis geejibni ummataa dandeettii fe’umsa isaanii walakkaadhan akka hir’isan murtaa’era.
 
Geejibni qaxxaamura naannolee namoota fe’an buusuus ta’e namoota biroo fe’uu hin danda’an.
 
Naannoo Harariis geejibni ummataa kamuu har’aa kaasee seenuu hin danda’u.
 
Tajaajilli geejiba taaksitis ittifameera.
 
Geejibni magaaladhaa baadiyyaa, baadiyyaadhaa magaalaa ammeentaa fe’umsa isaanii walakkaadhan hir’isuun akka tajaajila laatan murtaa’era.
 
Konkolaataan dhuunfaa awtomoobiilin nama 3 ol fe’atee socho’uu hin danda’u.
 
Konkolaachistoonni fe’umsaa gargaaraa isaanitiin ala fe’achuun naannicha seenuu hin danda’an.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.