Fana: At a Speed of Life!

Affaaritti lammiilee sababa balaa lolaatin buqqa’aniif dhaabbileen adda addaa deeggarsa taasisa jiru

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Naannoo Affaaritti lammiilee sababa balaa lolaatin buqqa’aniif dhaabbiilee adda addaa deeggarsa taasisa jirachuu ibsame.

Guyya har’aas dhaabbanni Elshaadayii Raliif fi Develooppimant Assooseeshiin meeshaalee Birrii miiliyoona 1.5 tilmaamamu taasisaniiru.

Dhaabbatichi deeggarsa Firaashii 300 olii fi daakuu kuntaala 60 dabalatee huccuu garaagaraa fi nyaata taasiseera.

Komishinarrii komiishinii Invaastimant naannicha Asiiyaa Kamaal, balaa lolaan miidhaan olaanaa qaqqabuu dubbachuun deeggarsi eegalame cimee akka itti fufu yaadachisaniiru.

Deeggarsi amma taasifama jiruus lammiin lammiif dafee qaqqabaa ta’uu mirkaneessuun danda’ameera jedhan.

Hoji gaggeessaan Elshaadayii Raliif fi Develooppimant Assooseeshiin aadde Qiddiist Baqqalaa, uumataa Affaariif hundii kan laatamuuf, deeggarsichi ni xiqqaata jedhaniiru.

Yeroo itti aanuuttis deeggarsa taasisuun cinatti deebisanii dhaabuu keessaatti gahee isaanii akka bahaan dubbaataniru.

Haayilayyasuus Siyyuumtu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.