Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Bahaatti miidhamtoota deeggaruuf kan oolu Doolaarri biiliyoonni 2.4 argamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2015(FBC)- Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa Afrikaa Bahaatti taasisuuf Doolaarri biiliyoonni 2.4 argamuu beeksise.

Maallaqichi Ityoophiyaa dabalatee lammiilee Keeniyaafi Soomaaliyaa miiliyoona 32 ta’an deeggaruuf kan oolu ta’uu ibsameera.

Deeggarsichi hawaasa deeggartoota dhaabbatichaa, dhaabbilee namoomaafi dhaabbilee deeggarsaa irraa kan argame ta’uu ragaan Biiroo Qindeessa Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirraa argame ni mul’isa.

Deeggarsichi kan argame Sagantaa galii walitti qabuu magaalaa Niwyoorkitti gaggeeffamaa jirurratti yoo ta’u, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii lammiilee Biyyoota Afrikaa Bahaa sababoota nam-tolcheefi uumamaan miidhaman deeggaruuf Doolaarri biiliyoonni 7 akka barbaachisu ibsee ture.

Saganticha DhMG, Xaaliyaaniin, Kuwaataar, Ingilizfi Ameerikaan mootummoota Ityoophiyaa, Keeniyaafi Soomaaliyaa waliin ta’uun qopheessuu eerameera.

Ameerikaa, Komishiniin Awurooppaa, Ingiliz, Jarmaniifi Neezerlaand biyyoota maallaqa olaanaa kennuuf waadaa seenan ta’uu ibsameera.

Deeggarsi argame kun lammiilee miidhamaniif deeggarsa yeroo taasisuuf malee waaraan kan bayyanachiisu akka hin taane eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.