Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Kibbaatti namoota miiliyoona 12 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu akka hin oolle qorannoon tokko ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) –Afrikaa Kibbaatti namoota miiliyoona 12 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu akka hin oolle qorannoon tokko ifoomse.

Ardii Afrikaarra weerarri vaayrasii koroonaa itti heddumachaa kan jiru Afrikaa Kibbatti namoonni miiliyoona 12 ol ta’anirratti vaayrasichi argamuu akka hin oole dhaabbanni qorannoo tokko ifoomseera.

Ministeerri Fayyaa Afrikaa Kibbaa Ziweel Makiizee biyya isaanitti lammiileen miiliyoona 12 ol vaayrasichaan qabamuu akka hin ooles ibsaniiru.

Lakkoofsi ibsame kun baayyina ummata biyyatti hunda %20 ta’uu himameera.

Ministeerri Fayyaa Afrikaa Kibbaa Ziweel Makiizee Afrikaa Kibbaatti vaayrasichaan kan qabaman Kuma 600 fi kuma 50 fi 749 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu baayyee olka’adha jedhaniiru.

Qorannichi kan hundaa’e seroopiravaalsiin yookaan ammoo dhiiga yaalamtootaa keessatti kan argamu hamma qaamaa antii boodii qorachuurattidha.

Ogeessi xinsammuu fi gorsaan ministeerichaa Proofesar Shaabir Maadii lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii kanaa ol ta’uu ni danda’a jedhaniiru.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.