Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan bakka shaakala talaallii vaayrasi koroonaa  hin taatu-Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) – Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) yaada ogeessota fayyaa Faransaay qeeqan.

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) yaada ogeessoonni fayyaa Faransaay yaaliin talaallii COVID-19 taasifamu Afrikaa keessatti jalqaabuu qaba jedhan qeeqan.

“Afriikaa keessatti yaalii talaallii hin taasifamu,” jedhan Daayrektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teewdroos Adhaanoom.

Ogeessoonni fayyaa lamaan TV irratti yaada kennaniin “dhala namaa akka hantuutaatti” ilaaltan jechuun qeeqamaniiru.

Ogeessoota fayyaa lamaan keessaa inni tokko boodarra dhiifama gaafateera.

Dooktar Teewdroos yeroo ibsa vaayrasi koroonaarratti kennanitti waa’ee ogeessoota fayyaarratti yaada qaban yeroo gaafatamanitti dallansuusaanii ifatti mul’ata ture. Isaanis “gabrummaa sammuuti” jedhaniiru.

“Jaarraa 21ffaa keessatti saayintistootarraa waan akkanaa dhagahuun gurraafuu hin tolu, baay’ee nama aarsa.

Yaadota akkanaa baay’ee balaaleffanna. Wanti akkanaa deebi’ee akka hin mudanne waadaa isiiniif gala,” jedhan.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.