Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan diinagdeeshee gara diijjiitaalatti ceesisuu qabdi- obbo Haaylamaariyaam Dassaalany

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Afrikaan diijjiitaal teeknooloojidhaan deeggaramuudhan daddabarsa maallaqa seeran alaa fi malaammaltummaa ittisuu akka dandeessu muummee ministiraa FDRI duraanii obbo Haaylamaariyaam Dassaalany himan.
 
Afrikaan diinagdeeshee gara diijjiitaalaatti ceesisuun malaammaltummaa fi daddabarsa maallaqa seeran alaa ittisuuf furmaata jedhan obbo Haaylamaariyaam.
 
Afrikaan gochaa seeran alaarraa kan ka’e waggaatti Doolaara biiliyoona 100 dhabdi.
 
Afrikaan sadarkaa addunyaan irra ga’erra ga’uuf, diinagdeeshee gara diijjiitaalaatti ceesisuu qabdi jedhaniiru.
 
Hojimaanni teeknooloojii iftoominaa fi ittigaafatamtummaa uumuuf qooda olaanaa qaba jedhan.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.