Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan kibbaa talaallii COVID-19 ‘AstraZeneca’ akka hin laatamneef dhorkite

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC)- Afrikaan kibbaa talaallii COVID-19 ‘AstraZeneca’ akka hin laatamneef dhorkuu ishee beeksifte.
Dhorkiin talaallicha vaayrasii koroonaa haaraa ittisurratti bu’aa garii argamsiisu dhabuurratti hundaa’ee kan ka’ameedha jedhameera.
Qarattoonni talaallicha namoota kuma 2 ta’aan irratti qorannoo gaggeessaniiru.
Talaallichi akaakuu vaayrasii koroonaa haara ittisuuf dandeettin isaa gadi aanaa ta’uu beekameera.
Ministirri Fayyaa Afrikaa Kibbaa gaafa Dilbataa bu’aa qorannichaa ilaalchisee gaazexessitootaaf ibsa laataniin, motummaan isaanii attamiin akka talaallicha haalaan itti adeemu irratti gorsa eeggataa jira jedhan.
Mootumaan biyyaatti torban dhufu keessaa talaalliiwwan ‘Johnson Johnson’ fi ‘Pfizer’ lammiileef ni laata jedhaniiru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.