Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti dhukkubsataan Vaayrasii Koroonaa jalqabaa Gibtsitti argame

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2012 (FBC) – Afrikaatti dhukkubsataan jalqabaa Vaayrasii Koroonaa Gibtsitti argamuu isaa mirkanaa’e.

Gibtsitti namoota dhibichaan shakkaman keessaa namni tokko dhibee kanaan qabamuun isaa mirkanaa’eera.

Afrikaatti dhukkubsataa jalqabaa ta’uunis himameera.

Namni dhuunfaan kun lammii biyya alaa ta’uu Ministeerri Fayyaa Gibtsi beeksiseera.

Lammii biyya kamii akka ta’e garuu hin ibsamne jedhame.

Ministeerichi dhibeen kun biyyattiitti mul’achuu isa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf gabaasuun, hospitaala tokko keessatti foo’amee hordoffiin godhamaafii jiraachuu ifoomseera.

Biyyoota Afrikaa Chaayinaa waliin hariiroo cimaa qaban keessatti dhibee kun mudachuu akka danda’u ogeeyyiin fayyaa akeekkachiisaa turuutu ibsame.

Gamtaa Afrikaatti Komishiniin Giddugala Ittisaa fi Too’annoo Dhibee guyyaa kaleessaa ibsa laateen hanga Gurraandhala 6, 2012tti aridicha keessatti namni tolkkollee dhibee kanaan kan hin qabamne ta’uu ibsuun isaa kan yaadatamuudha.

Weerara dhibee kanaan hanga guyyaa kanaatti namoonni kumni 1 fi 500 du’uun ibsameera.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.