Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti gabaa dijitaala guddisuuf waliigalteen deeggarsaa Doolaara miiliyoona 9.73 mallatteeffame

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015(FBC)- Baankiin Misoomaa Afrikaa fi Komishiniin Gamtaa Afrikaa Ardittiitti, gabaa dijitaala guddisuuf boqonnaa jalqabaatiin waliigalteen deeggarsaa Doolaara miiliyoona 9.73 Finfinneetti mallatteeffame.

Waliigaltechas, Komishinii Gamtaa Afrikaatti Koomishinira Misoomaa Dinagdee, Daldalaa, Tuuriizimii, Indaastirii fi Albuudaa Ambaasaaddar Albert Muchaangi fi Ittaanaa Daayrektaraa Baankii Misoomaa Afrikaa Naannawaa Baha Afrikaa Abuul Kaamaaraan mallatteessaniiru.

Deeggarsi maallaqaa kunis boordii daayrektarootaa Baankii Misomaa Afrikaa bara kana baati Fulbaanaa keessa mari’achuun raggaasisuun kan yaadatamuudha.

Waliigalteen deeggarsaa pirojektii boqoannaa jalqabaa kun sadarkaa Ardiitti gabaa dijitaalaa dhugoomsuu fi daldalaa dijitaalaa biyyoota arditti gidduutti gaggeeffamu misoomsuuf akkasumas pirojektiiwwan diinagdee dijitaalaa gamtichaa saffisiisuuf kan ooluudha jedhameera.

Deeggarsichi naannawaa daldalaa walabaa Afrikaa dhugoomsuu fi imaammata ce’umsa dijitaalaa Afrikaa hojiirra oolchuuf ni tumsaan abdatameera.

Boqonnaan jalqabaa pirojektichaa eeyyamame bara Faranjootaa 2023-2026 akka hojiirraa ooluu Afrika News gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.