Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasi koroonaan qabamanii kuma 10 darbe

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) – Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasi koroonaan qabamanii kuma 10 darbuu ragaaleen ni muldhisu.

Yeroo ammaa kana sadarkaa idil addunyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 fi kuma 48 darbuu kan muldhisu ragaan Yuunvarsiitii Joon Hoopkiins, kanneen keessaa kumni 10 fi 68 Afrikaatti kan argamanidha.

Sadarkaa idil addunyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan lubbuun isaanii darbee kuma 75 yoo darbu, Afrikaatti ammoo lakkoofsi namoota dhibee COVID-19 lubbuun isaanii darbee 480 darbeera.

Afrikaatti namoonni 990 ta’an weeraricharra yoo dandamatan, sadarkaa idil addunyaatti ammoo namoonni kuma dhibba 2 fi kuma 84  vaayrasicharra dandamataniiru.

Ardii Afrikaarraa namoonni kuma 1 fi 686 vaayrasichaan qabamuun Afrikaan Kibbaa kan dursitu yoo ta’u, biyyichatti vaayrasii koroonaan kan qabaman keessa lubbuun namoota 12 yoo darbu, namoonni 95 dhibicharraa dandamataniiru.

Ityoophiyaatti hanga guyyaa kaleessatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 44 yoo ga’u, kanneen keessaa namoonni 4 weeraricharraa yoo dandamatan lubbuun namoota namoota 2 darbeera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.