Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii dabalaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii dabalaa jiraachuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiise.
Ardichatti namoonni dhibichaan du’an torbee 1 keessattii % 43 dabaluu ibseera.
Naamiibiyaa, Afrikaa Kibbaa, Tuuniiziyaa, Ugaandaa fi Zaambiyaatti namoonni vaayrasichaan lubbuu dhaban dabalaa jiraachuu dhaabbatichi ifoomseera.
Afrikaatti hanqinni ogeeyyii yaalaa fi meeshaalee yaalaa vaayrasichaa mudachuun isaa rakkicha hammeessuu akka danda’u dhaabbitichi akeekkachiiseera.
Afrikaatti erga weerarichi muudatee hanga ammaatti lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 50 olii darbuu himameera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.