Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii kuma 40 caale

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii kuma 40 yoo caalu, Ispeenitti ammoo lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabaman miiliyoona 1 caaleera.
 
Akka ragaan ‘Woorlidoometirs’ irraa argame muul’isutti Afrikaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 6 fi kuma 85 fi 455 vaayrasii koroonaan qabaman keessaa namoonni kumni 40 fi 545 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Namoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 3 fi kumni 84 fi 275 ammoo dhibicharraa dandamataniiru.
 
Namoota yaalarratti argaman kuma dhibba 2 fi kuma 60 fi 635 keessaa namoonni kumni 1 fi 961 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Oduu walfakkaatuun Ispeenitti lakkoofsi namoota dhibee Covid- 19 qabamanii miiliyoona 1 fi kuma 46 fi 641 qaqqabeera.
 
Namoonni kumni 34 fi 366 lubbuu dhabaniiru.
 
Addunyaarratti namoota dhibichaan qabaman miiliyoona 41 fi kuma dhibba 5 fi kuma 18 fi 945 keessaa lubbuun namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 1 fi kuma 36 fi 848 darbeera.
 
Maddi:-BBC fi Woorlidoometirs
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.