Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 1 caale

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 1 caaluu ibsame.
 
Ardichaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma 11 fi 872 vaayrasii koroonaan qabaman keessaa namoonni kumni 22 fi 114 du’aniiru.
 
Namoonni kumni dhibbi 6 fi kumni 93 fi 620 dhibicharraa dandamataniiru.
 
Akka ragaan Woorlidoomeetirs irraa argame muul’isuutti yeroo ammaa namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 96 fi 138 yaalarratti argamu.
 
Namoonni kumni 1 fi 187 ammoo wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Addunyaarraatti namoota miiliyoona 19 fi kuma dhibba 2 fi kuma 66 vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namooota kuma dhibba 7 fi kuma 17 fi 787 darbeera.
 
Namoonni miiliyoonni 12 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 64 fi 324 ammoo dhibichaarraa dandamataniiru.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi namoota miiliyoona 6 fi kuma dhibba 1 fi kuma 83 fi 958 irratti kan aramu yoo ta’u, namoonni kumni 65 fi 254 wallaansa cimaa keessatti argamu.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.