Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti namoonni dhibee COVID-19n du’an 117 ga’an

Finfinnee, Bitootessa 19, 2012 (FBC) – Afrikaatti namoota dhibee COVID-19n qabaman kuma 3 fi 924 keessaa namoonni 117 du’uu isaanii Giddugalli Ittisaa fi To’annoo dhibee Afrikaa beeksise.
 
Dhibichi biyyoota Afrikaa 46 keessatti muul’achuu isaa giddugalichi ifoomseera.
 
Haalli tatamsa’ina dhibichaa biyyaa biyyatti garaagarummaa qabaachuu kan eere giddugalichi ,Afrikaa Kibbaatti namoonni kumni 1 fi 170, Gibtsitti namoonni 495, Aljeeriyaatti namoonni 409, akkasumas Moorookootti namoonni 275 dhibichaan qabamuu isaanii ibseera.
 
Waliigala namoota dhibichaan qabaman keessaa namoonni 276 dandamachuu isaanii itti aanaan daayreektara giddugalichaa Ahimad Oogweel himaniiru.
 
Addunyaarrati hanga ammaatti namoota kuma dhibba 6 fi kuma 18 fi 43 qabaman keessaa nmoonni kumni 28 fi 823 du’aniiru jedhame.
 
Namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 35 fi 736 ammoo dhibicharraa dandamataniiru.
 
Sa’aatii 24 keessatti namoonni kumni 82 ol dhibee kanaan qabamaniiru jedhame.
 
Ameerikaatti qofa namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 4 fi 865 dhibichaan qabamaniiru.
 
Maddi:- CGTN
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.