Fana: At a Speed of Life!

Afrikaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman kum 8 ta’an

Finfinnee, Bitootessa 26, 2012 (FBC) –  Afrikaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman kum 8 ta’an.
 
Ardichaatti biyyoota 50 ol keessatti dhibeen kun muul’ateera.
 
Akka ragaan muul’isuutti Afrikaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman kuma 8 ol yoo ta’an, namoonni 330 ammoo du’aniiru jedhame.
 
Namoonni 705 ammoo dhibicharraa dandamachuu isaanii ibsameera.
 
Afrikaa Kibbaatti namoota kuma 1 fi 505 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 9 yoo du’an, namoonni 95 fayyaniiru.
 
Aljeeriyaattis namoota kuma 1 fi 171 vaayrasii koroonaan qabaman keessaa namoonni 105 yoo du’an namoonni 65 dandamataniiru jedhame.
 
Gibtsitti ammoo namoota 985 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 66 yoo du’an, namoonni 216 fayyuu isaanitu himame.
 
Moorookoottis namoota 858 dhibee COVID -19n qabaman keessaa 50 du’aniiru jedhame.
 
Baha Afrikaa Keeniyaatti namoota 122 dhibee kanaan qabaman keessaa namoonni 4 yoo du’an, namoonni 4 dandamataniiru.
 
Jiibuutiitti namoonni 50, Ityoophiyaatti namoonni 38, Eeritraatti namoonni 22, Soomaaliyaatti namoonni 7 yoo qabaman, kan lubbuun darbe hin jiru jedhame.
 
Waliigala akka addunyaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 1 fi kuma 40 fi 327 dhibee COVID -19 qabaman keessaa hanga sa’aatii kanaatti namoonni kumn 60 fi 887 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 33 fi 930 ammoo dhibicharraa dandamataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.