Fana: At a Speed of Life!

agaalaa Finfinneetti bara barnootaa 2013 eeggalchiisuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti bara barnootaa 2013 eeggalchiisuuf qophiin xumuramuu ibsame.

Magaalaa Finfinneetti bara barnootaa 2013 eegaluuf qophii xumuruu Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Bara barnoota 2013 koroonaa ittisuun barnoota bifa idileen eegaluu qophiisaa xumuruu biirichi ibseera.

Hagayya 20, 2012 irraa eegalee manneen barnoota dhuunfaa barattoota galmeessaa kan jiran yoo ta’u, manneen barnootaa mootummaa ammoo Fulbaana 5, 2013 eegalee barattoota galmessaa jiru.

Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee obbo Daanyaaw Gabruu manneen barnootaa mootummaa sadarkaa hundarratti argamaan galmee barattoota eegaluu ibsuun barattoonni fayyaa isaanii eegamee barnoota isaanii akka hordofan maatii barattootaa fi baesiisoota waliin marii taasisuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.