Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni suuraa injifattummaa gama maraa Ityoophiyaa calaqqisiisu magaalaa Hararitti baname

Finfinnee, Caamsaa 20, 2014 (FBC) – Agarsiisni suuraa injifattummaa gama maraa Ityoophiyaa calaqqisiisu mata duree “ Waa’ee Ityoophiyaa” jedhuun magaalaa Hararitti banamuu ibsame.

Dhaabbanni Preesii Ityoophiyaa magaalaa Jigjigaa fi Dirree Dawaatti aansuun magaalaa Hararitti agarsiisa suuraa qopheesseera.

Agarsiisicha Preezdaantii naannichaa Obbo Oodriin Badrii fi Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Obbo Mahaammad Idriis dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa naanichaa bananiiru.

Argisiisni suuraa kun bara 1960’oota eegalee hanga borumtaa  riifoormii jijjiiramaatti haala jiru akkaataa argisiisuun ummataaf dhiyaachuun gabaafameera.

Argisiisa suuraa guyyoota afuriif turu kanarratti hooggantoonni naannolee Bahaa ollaa  walii ta’an, abbootiin qabeenyaa, abbootiin gadaa fi jaarsoliin biyyaa ni hirmaatu jedhameera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.