Fana: At a Speed of Life!

Ajajan itti aanaa humna qilleensaa Ityoophiyaa  Asxaa dizaaynii haaraan  hojjisisee fi daandii asfaaltii ijaarsisee eebbisise

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC)- Ajajan itti aanaa humna qilleensaa Ityoophiyaa ittisa humna qilleensaa, Asxaa dizaaynii haaraan  hojjisisee fi daandii asfaaltii ijaarsisee eebbisiseera.

Eebbaa Asxaa haaraa fi daandicharratti  ajaja olaanaan humna qilleensaa FDRI Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaan argamaniiru.

Jeneraalichi haasaa taasisanii, raawwii bu’aa qabeessaa humna qilleensichaaf shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Haleelaa humni juntaa tasa qaqqabsiiseen humni namaa diigamee fi meeshaaleen barbadaa’an ariitiin gurmeessuun duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu injifannoo akka xumuramuuf shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Humna qilleensichaa ammayyeessuuf hojiin yeroo amma eegalee cimee akka itti fufuu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.