Fana: At a Speed of Life!

Ajejni Lixaa Birmadummaa Hidha Haaromsaa kabachiisuuf yeroo kamiiyyuu caalaa qophiidha jedhame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2013 (FBC) – Hidhaan Haaromsaa qabeenya Ummataa ta’uu isaan haleellaa fi Qocholaa Hidhicharra ga’uu qolachuuf Ajejni Lixaa Raayyaa Ittisaa yeroo kamiiyyuu caalaa qophii ta’uu ibsameera.
Ajejichi Qocholaa fi haleellaa Hidha Haaromsaa aggaammamu danda’u kamiiyyuu kolachuuf Qohii ta’uu itti aanaa ajajeen Izzichaa fi itti aanaa walitti qabaan humna qindoomaa Komaand Poostii Godina Matakkal Birgaader Jeneraal Alamaayyoo Waldee ibsaniiru.
Guutinsi Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaa milkiin akka xummuramuuf raayyichi qophii taasiisuu himaniiru.
Bishaan guutuu humni kamiiyyuu dhorkuu hin danda’u kan jedhan Birgaader Jeneraal Alamaayyoon, nageenyi hojjetaa haala amansiisaa ta’een ni eegama jedhaniiru.
Hojiin hojjetamu gufuu tokko malee akka xummuramuuf miseensoonni Raayyaa Ittisaa sadarkaan jiran murannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka gaggeeffamu raayyichi qophii ga’aa taasiisuu eeruu isaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.