Fana: At a Speed of Life!

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan kan shakkame Kabbaddaa gammachuu mana murtiitti dhiyaate

Finfinnee, Hagayya 5, 2012 (FBC) – Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan kan shakkame Kabbaddaa gammachuu mana murtiitti dhiyaate.

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan kan shakkamee fi baqatee Adoolessa 3, 2012 naannoo Ada’aa Dirree jedhamee waamamutti too’annoo jala kan oolee  Kabbaddaa gammachuu guyyaa har’aa mana murtiitti dhiyaateera.

Oolmaa dhaddachaa har’aan qorataan poolisii yeroo dabalaataa laate hojii qorannoo shakkamaa kanarratti hojjete ibseera.

Bilbila shakkamaa kanaarratti wal jijjiirraa sagalee fi barreeffamaa Ityoo Telekoomirraa baasuun ragaalee hedduu walitti qabuu dhaddachaaf ibseera.

Meeshaaleen elektirooniksii harka isaarratti argame Ejansii Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaaf qorannoof ergamuu kan ibse qorataan poolisii dhaddacha guyyaa har’aaf dhimmoota hin ibsamerratti qorannoo bal’aa taasisaa jiraachuu ibseera.

Hojiiwwaan haala kanaan adeemaa jirurratti yeroo qorannoo dabalaataa guyyaa 14 akka laatamuuf mana murtii gaafateera.

Shakkamaan turjumaanaan yaada yoo qabaatee akka dhiyeessu kan gaafatame yoo ta’u, yaada kamiyyuu akka hin qabne deebii laateera.

Manni murtii dhimmicha hordofe yeroo qorannoo guyyaa 14 poolisii eeyyamuun firii isaa eeguuf Hagayya 19, 2012 beellama laateera.

Haaluma walfakkatuun Gaazexeessaan Guyyoo Waariyoo guyyaa har’aa mana murtiitti dhiyaateera.

Qorataan poolisii yeroo qorannoo dabalataa kanaan dura laatameen Gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo miidiyaa OMNiin hokkarri akka uumamuu taasisuu ragaa sanadaa fi ragaa jechaa fudhachuu himeera.

Meeshaalee elektirooniksii harka isaarratti argame foorinsiikini qorannoo taasisaa jiraachuu hubachiiseera.

Raga dhaabbilee garagaraa fi Abbaa Taayitaa Biroodkaastii Ityoophiyaarraa walitti qabuuf qorannoo hafe taasisuuf yeroo dabalaataa guyyaa 14 akka laatamuuf gaafateera.

Manni murtii dhimmicha hordofe Hagayya 8, 2012tti beellama laatera jechuun Taarik Addunyaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.