Fana: At a Speed of Life!

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessatiin booda miidhaa qabeenyaa, qaamaa fi lubbuu namaa qaqqabeen kan shakkaman mana murtii dhiyaatan

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessatiin booda miidhaa qabeenyaa, qaamaa fi lubbuu namaa qaqqabeen kan shakkaman mana murtii dhiyaatan.
 
Ajjeechaa Artiist Haacaaluun booda Waxabajjii 23 fi 24,2012 aanaalee 10 keessatti miidhaan qabeenyaa, qaamaa fi lubbuu namaa qaqqabeen kan shakkaman namoonni 1,168 mana murtiitti dhiyaataniiru.
 
Namoonni 198 Finfinneetti to’annaa jala kan oolan yoo ta’u, 10 ol ammoo hojii seera kabachiisuu isaanirraa eegamu ba’achuu dhabuu isaanitiin to’annaa jala oolaniiru.
 
Waxabajjii 23 fi 24,2012 Arsii Lixaa Arsii Nageellee fi Dodolaa, Shaashamannee, Kofalee, Adaabbaa, Shaallaa, Qoree fi Asaasaatti jeequmsa uumameen qabeenyii fi lubbuun namaa miidhamuun eerameera.
 
Yakka kanaan kan shakkamanis namoonni 970 Adoolessa 13 mana murtii aanaatti dhiyaataniit turan.
 
Beellama kaleessatiin ammoo 970 dabalatee shakkamtoonni haaraan 198 to’annaa jala oolanii mana murtiitti dhiyaataniiru.
 
434 irratti yaadni ragaa kan fuudhame yoo ta’u, hoteelonni 32, manneen ciisichaa 17, manneen jireenyaa 113 gubamuu poolisiin eerera.
 
Dabalataan manneen nyaataa 37, manneen jireenyaa 215, manneen woofcoo 9, suuqonni 85 miidhamaniiru.
 
Suuqonni 47 ammoo gubataniiru jedheera qorataan poolisii.
 
Manneen hojii mootummaa 67 caccabsamuu fi 3 ammoo gubamuun eerameera.
 
Manni amantaa 1, warshaan daakuu 2, raabsaan dhugaatii 2, gamoowwan 5rra miidhaan ga’eera jedhe poollisiin.
 
Dabalataan konkolaattonni dhuunfaa 15 kan gubatan yoo ta’u, 16rra ammoo miidhaan qaqqabeera jedhame.
 
Lubbuun namoota 16 yoo darbu, 60 olirra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabeera jedhameera.
 
Haaluma kanaan qorataan poolisii guyyootii dabalataa waan gaafateef, manni murtichaa guyyootii qorannaa dabalataa 14 eeyyameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.