Fana: At a Speed of Life!

Ajjeechaa artiisti Haacaaluu Hundeessaan kan himatamee Xilaahuun Yaamii hidha umrii guutuun adabame

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC)- Ajjeechaa artiisti Haacaaluu hundeessaan kan himatamee Xilaahuun Yaamii hidha umrii guutuun adabameeraa.

Murtichi kan laatamee Mana Murtii Olaanaa Federalaa Lidaataa ramaddii 2ffaa dhaddachaa yakkaa farraa shororkaa fi dhimmoota mootummaanidha.

Dhaddachi har’as murtoo adabbichaa laachuufi jedhameera.

Kanafis himatamaa tokkoffaan Xilaahuun Yamii hidha umrii guutuun akka adabamuu murtaa’eera.

Himatamaa 2ffaan Kabbadaa Gammachuu hidha waggaa 18 akka adabamuu kan murtaa’ee yoo ta’uu, himatamaa 3ffaan Abdii Alamaayyoo irratti ammoo hidha salphaa baatii 6’n akka adabamuu murtaa’eera.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.