Fana: At a Speed of Life!

Ajjeechaa Preezdaantii Haayitii hordofee biyyattiitti lolli hammaachuu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC) – Preezdantiin Haayitii ajjeefamuu hordofee biyyattiitti lolli qawwee jabaachuu ibsameera.
Preezdantiin Haayitii Jovinel Mo’is Poorti aa Piriinsitti ajjeefamuu hordofee magaalicha keessatti lolli qawwee poolisootaa fi namoota ajjeecha raawwachuun shakkaman gidduutti hammaachuu ibsameera.
Hogganaan poolisii biyyattii Liiyon Chaarlis, hanga yoonatti shakkamtoonni afur ajjeefamuu fi shakkamtoonni lama hidhamuu himaniiru.
Hogganaan poolisii kun ‘’shakkamtoonni yakka sana qaqqabsiisanii wayita deebi’an karaa itti cufnee, isaan wajjin walitti dhukaasaa jirra’’jedhan.
Qondaaltonni biyyattii akka himanitti, shakkamtoonni Preezdanticha ajjeesan hidhannoo sirnaa kan qabanii fi poolisoata sadii da’eeffachuuf qabanii boodarra gadhiisuu isaanii dubbatan.
Qondaalli poolisii biyyattii kun jiraattonni mana isaanii keessa akka turan gaafataniiru.
Hidhattoonni meeshaalee waraanaa jajjaboo hidhanii mana Preezdantichaa tulluu magaalaa Poort aa Piriinsitti rasaasa hedduun ajjeessuun isaanii kan yaadatamuudha.
Haatii warraa Mo’isii Maartiin Mo’isii haleellaa sana keessatti madaa’aanii haala lubbuu yaaddeessu keessa kan jiran ta’uu hoggantoonni Poolisii biyyattii himaniiru.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.